Sagantaan cufiinsa agarsiisa hojiiwwan kalaqa saayinsii adeemsifamaa jira

You are currently viewing Sagantaan cufiinsa agarsiisa hojiiwwan kalaqa saayinsii adeemsifamaa jira

AMN Plus 18 07 2017

Sirni cufiinsa agarsiisa hojiiwwan kalaqa saayinsii Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetiin qophaa’ee adeemsifamaa jira.

Agarsiisichi mataduree ‘Dhaloota hojii kalaqaatiin gahoome badhaadhina biyyoolessaatiif’ jedhuun marsaa 10ffaaf Paarkii Michummaatti Ebla 16 eegalee adeemsifamaa ture.

Agarsiisicharratti hojiiwwan kalaqa saayinsii barattoota magaalattii daawannaaf dhiyaateera.

Sagantaa cufiinsaa adeemsifamaa jirurrattis hoggantootni damee barnootaa, barsiisotni fi barattootni kutaalee magaalattii hundarraa babba’an argamaniiru.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply