Sagantaan jalqabbii Agarsiisa Kalaqa Saayinsii fi Teekinooloojii 10ffaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinneen qophaa’e bakka hoggantootni olaanoon bulchiinsa magaalichaa fi hawaasni barnootaa argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.
Kantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee sirna baniinsaa sagantaa kanaarratti kan argaman yoo ta’u, sagantichi Paarkii Michummaatti Mata Duree “Dhaloota Hojii Kalaqaan gahoome Badhaadhina Biyyoolessaaf” jedhuun adeemsifamaa jira.
Kalaqni guddina biyya tokkoof barbaachisaa ta’uusaan sadarkaa addunyaan amma irra geesseef gahee murteessaa kan taphate Saayinsiifi Teekinooloojii akka ta’e ni amanama.
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnees hojiileen kalaqaa manneen barnootaa magaalattii keessatti akka jajjabaatuufi kalaqni misooma biyyaa keessatti gaheesaa akka bahatuuf hojjachaa jira.
Dorgommiin agarsiisakKalaqaa 10ffaan barsiisotaafi barattootaa manneen barnootaa Kutaalee Magaalaa Finfinnee hundarraa walitti babahan giddutti gaggeeffamu kuni guyyoota sadiif akka turu ibsameera.
Mahaammad Toofiq’tu gabaase.