AMN PLUS-Ebla 30/2017
Shaampiyoonaa Atileetiksii 54 ffaa gaggeeffamaa jiru irratti Atileetoonni hirmaachaa jiran hanqina gaba fageenya gabaabaa fi giddu galeessaa irratti nu muudataa jiruuf, abdii kanamatti horan ta’uu,leenjisaan Atileetiksii fi Barsiisaan Saayinsii Ispoortii Yuunivarsiitii Salaalee Masarat Mangistuu himan.
Leenjisaa Masarat turtii addatti AMN PLUS waliin taasisaniin, hanqinni ture atileetota filachuurratti malee, atileetonni fageenya barbaadamuun biyya keenya maqaa waamsisan dhabamanii mitis jedhan.
Guyyaa 3ffaa kan lakkoofsise Shaampiyoonaan Atileetiksii Itoophiyaa 54 ffaa irratti atileetonni hirmaataa jiran,fageenya kamirrattuu, dandeetti injifachuuf isaan dandeessisu qabaachuu agarsiisaa jiraachuu himan.
Gama biraan rakkoon galtee ispoortii fi dirreen gosa dorgommichaa kamuu haala barbaadameen shaakaluuf nama dandeessisu jiraachuu dhabuunis,wantoota duubatti nu harkisaanidha jedhan.
Dorgommii guddaan woggoota 54 ‘f darbaniif gaggeeffamaa ture kuni sadarkaa inni gaggeeffamu kana caalaa fooyya’uu akka qabus kan kaasan leenjisaan ispoortii fi ogeessi saayinsii ispoortii Masarat,
Dorgommiin nuti gaggeessinu akka addunyaatti waan ta’eef, haala barameen qofa deemuu caalaa addunyaa ammayyaa faana walsimsiisun murteessaa ta’uu kaasan.
Akka fakkeenyatti leenjistoonni dandeetti isaanii gabbisuu fi muuxannoo sadarkaa idila addunyaatti jiru gabbifachuu akka qabanis dhaaman.
Misikkir Alamaayyootu gabaase