AMN- Mudde 9/2017
Kilabni qabeenyummaan isaa kan Boosiiniyaa Heerzoogovinaa tahe taphoota 17 irraa qabxii 2 qofa milkeessuun diigameera.
Kilabni biyyattii Islooboodaa Tuuslaa jedhamu Pirimeerliigii biyyattii keessatti hirmaachaa kan jiru yoo tahu taphoota 17 irraa qabxii 2 qofa argachuun akka diigamu itti murtaa’era.
Pireezidaantiin kilabichaa Heezmirii Hoosech murtoo kanarra gahuun ulfaataa tahus gara fuulduraatti kilaba gahuumsa qabu hundeessuuf kana raawwanne jedhaniiru.
Kilabichi taphoota 17 irraa qabxii 2 argachuu dabalataan galchiiwwan 36 keessummeessuun 5 qofa lakkoofsisuunis dhimmoota hatattamaa murtoo kana fidan keessaa tahuun ifoomeera.
Haata’uuti hanga gabaasni kun qindaa’eetti taphattoota kilabichaa keessaa 7 qofaatuu xalayaa gaggeessitu fudhate jedhamuu ragaan fuula marsaritii kilabichaarraa argame ni mul’isa.
Iddoosaa Abdiitiin