Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti mul’atu fi yakkoota daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota naannichaa murteessaa ta’uun himame

You are currently viewing Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti mul’atu fi yakkoota daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota naannichaa murteessaa ta’uun himame

AMN PLUS Caamsaa 4/2017

Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti mul’atufi yakkoota daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota naannichaa murteessaa ta’uu Daarektarri Jeneraalaa itti aanaan tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsan.

Walgahiin naannoo Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Daarektarri Jeneraalaa Itti aanaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyolessaa Taazer Gabra Igzaabeer akka jedhanitti, waltajjichi tumsa odeeffannotiin nageenya naannichaa jabeessuun haala danda’amu irratti marii’ata.

Shororkeessummaa, finxaalessummaafi yakkoonni daangaa cihan biroon har’allee yaaddoo biyyoota Afriikaa Bahaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis yaaddoo nageenyaa naannichaa to’achuun nagaa buusuuf biyyoota gidduutti tumsi odeeffannoo qindaa’aan barbaachisaadha jedhaniiru.

Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru.

Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya naannichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan olachuu akka qaban dubbachuusaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply