AMN PLUS – Amajjii 14/2017
Simpooziyemii fi Mariin Hariiroo Daldalaa fi Investimentii Itoophiyaa fi Jaappaan jidduu jiru cimsuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeefamaa Jira.
Simpooziyeemicharratti Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Goofee (Doktar), Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa, Deetaan Ministiraa Ministeera Maallaqaa Iyyoob Takkaaliny, Komishinarri Komishinii Investimentii Itoophiyaa Tamasgeen Zallaqaa, Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Dhaabaa Dabalee, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shibaataa Hiroonoorii fi jilli Jaappaan irraa dhufan himaataa jiru.
Deetaan Minitiraa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Misgaanuu Argaa, Jaappaan ce’uumsa Teeknoolojii fi daldalaan biyyoota Addunyaarraatti beekkaman keessaa takka ta’uu himanii, muuxannoo kana gara Itoophiyaatti akka fidaniif simpooziyemii qophaa’edha jedhan.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Dhaabaa Dabalee Simpooziyemicharratti Interpireenaroonnii (hoji uumtonnii) fi abbootiin qabeenyaa Jaappaan 36 hirmaachuun ibsaniiru.
Jilli kun, carraalee Investimentii Itoophiyaan qabdu akka hubataniif daawwannaas ni taasisu jedhameera.
Simpooziyemii fi marichi guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
Guddataa Ajjamaatu gabaase