Lammummaan isaa Kootidivaar yoo ta’u maqaan isaa Joorjii Miinuunguu jedhama.
Miinuunguun umriin waggaa 23 yoo tahu Meejer Liig Sookeerii Ameerikaa kilaba Siiyatiil Saawundeersiif taphata.
Taphatichi dhibee ijaa isa mudateen bara 2023 agartuu isaa gama bitaa kan dhabe yoo ta’u ammoo abjuun taphataa kubbaa miilaa tahuuf qabu jalaa karaatti hin hafne.
Joorjii Miinuunguu kilaba Siiyatiil Saawundeersiif waliigaltee waggoota 4 mallatteessuun amma tapha waancaa kilaboota addunyaarratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’u akkuma taphattoota ija lama qabanittin taphadha jechuun dubbachuun maddeen oduu idil addunyaa dhimma ispoortii qaaccessan balballoomsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin