Taphataa Ruubin Amiroom tuffatan,Toomaas Tuheel filannoo jalqabaa taasifatan

You are currently viewing Taphataa Ruubin Amiroom tuffatan,Toomaas Tuheel filannoo jalqabaa taasifatan

AMN PLUS_Bitootessa 05/2017

Toomaas Tuheel har’a garee biyyaalessaa yoo ifoomsan jalqaba irratti taphataa mana Maanchistar Yuunayitiditti daddarbame kana dura aansun isaanii ijoo dubbii ta’e.

Leenjisaan Garee Biyyaalessa Ingilaand Toomaas Tuheel tapha gulaallii waancaa addunyaa Albaaniyaa fi Luutiiniyaa waliin qabaniif,filannoo taphattootaa isaanii ifoomsan.

Taphattoota Tuheel waamicha godhaniif keessaa tokko kan ta’e Maarkas Raashfoord Maanchistar Yuunaayitiditti dhiibbaa jala turus,gahumsa Astonviilatti agarsiisaa jiruun waamichi taasifameefira.

Gama biraan,taphataan sarara ittisaa Arsenaal Luwiis Iskeelin yeroo jalqabaaf garee biyyaalessa Ingilaandiif waamachi taasifameefira.

Gareen biyyaalessa Ingilaand Bitootessa 21 Albaaniyaa waliin,Bitootessa 24 ammoo Luutiiniyaa waliin gulaallii waancaa addunyaa bara 2026’f taphata.

Morkii kanaan Leenjisaa haaraan Garee Biyyaalessa Ingilaand Toomaas Tuheel garicha dursuun tapha jalqabaa isaanii gaggeessu.

Misikkir Alamaayyootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply