AMN- Muddee 11/2017
Filannoo Pirezdaantummaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa irratti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bakka bu’uun dorgomaa kan jiran obbo Duubee Jiloon rakkoowwan bulchinsaa, Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa mudatan furuuf akka hojjetan dubbatan.
AMN waliin turtii kan taasisan Obbo Dubeen, magalaa Finfinnee Atileetiksiin dadammaqsuuf akka hojjetanis dubbataniiru.
Oromiyaa fi atletksii Itoophiyaa addaan baasanii ilaaluun ni ulfaata kan jedhan Obbo Duubeen rakkoowaan gama filannoo atileetotaan jiran furuuf ciminaan akka hojjetan dubbatan.
Diigirii jalqabaafi Digirii 2ffaa Sayinsii Isportiin, kan baratan obbo Duubeen, muuxannoo damee ispoortiin wal qabate waan horataniif rakkoo damee atileetiksii Itoophiyaan jiran furuuf nama sirrii akka ta’an eeran.
Kaadhimamtoonnii 7 Dilbata dhufu filannoo pirezidaantummaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaaf ni dorgomu.
Rabbirraa Hirphaatu gabaase