Tibba ayyaanaa daballiin gatiifi tasgabbaa’uu dhabuun gabaa akka hin uumamne xiyyeeffannoon akka hojjatamu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Naannoo waajjira Gamtaa Afrikaa fi kiiloo afur dhaddacha Baashaa Waldee jedhamuun beekamutti yeroo dhiyootti tajaajila kennuu kan jalqaban giddugala gabaa fi iddoo dhaabbannaa konkolaataatti baazaarii fi agarsiisa bananii hojii eegalchiisaniiru.
Giddu galootni gabaa yeroo hundumaa oomisha gatii madaalawaadhaan akka dhiyeessan yaadamee ijaaramuu isaa yaadachiisanii kanneen oomisha isaanii gatii madaalawaan dhiyeessaniif miseensota hawaasa daldalaaf bulchiinsi magaalichaa deggersa akka godhu beeksisaniiru.
Tibba ayyaanaa gabaa waliin dhahuu fi daballii gatii sirrii hin taane gochuun jiraattota irraan dhiibbaa gochuuf kan yaalan qaamoleen tokko tokko akka jiran kaasanii kanaanis hawaasni akka hin miidhamneef dhiibbaan akka hin mudanneef ni hojjenna jedhaniiru
Baazaariifi agarsiisa torban tokkoof kutaalee magaalichaa hunda keessatti baname gabaa tasgabeessuuf gahee qabaachuu isaa ibsaniiru.
Sabsibee Baayyuutu gabaase