Tiraamp Zeleniskiif filmaatilee rakkisoo ta’an dhiyeessuu malu jedhame

You are currently viewing Tiraamp Zeleniskiif filmaatilee rakkisoo ta’an dhiyeessuu malu jedhame

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

Waraanni dachee Yuukreen irraa akka dhaabbatuuf biyyattiin bulchiinsotashee muraasa Raashiyaaf kennuufi abjuu NATOtti makamuu dhaabuu qabdi jechuun D. Tiraamp himuun dhagahame.

‎Pireezidaantiin Yuukireen Volodyirmiir Zeleniskiin har’a galgala haala itti waraanni dhaabbatu irratti Pireezidaant Doonaald Tiraamp wajjin mari’atu jedhamee eegamaa.

Tiraamp, marii kana dursuun “Har’i Guyyaa Guddaa” jechuun marii Zeleniskiifi anga’oota Awurooppaa itti beellaman kana ibsanii jiru.

‎Mariin Tiraampiifi Zeleniskii baatiiwwan muraasa dura gaggeeffame milkaa’aa tahuu dhabuurra darbee kan kabaja Pireezidaantii Yuukireen tuqe jedhamuun qeeqamaa ture.

‎Mariin Jimaata darbe Pireezidaanti Tiraampiifi gitni isaanii Raashiyaa, Puutin taasisan waliigaltee malee xumuramus, mariin har’aa waraana Yuukireenitti gaggeeffamaa jiru ni dhaaba jedhamees ture.

‎Tiraamp dhuguma nagaa barbaada jechuun Puutin gama tokkoon yoo kaasan, Tiraamp ammoo marii Zeleniskii wajjin gaggeessan hordofee waraanni dhaabbatee, lubbuun lammiilee miliyoonaan lakkaa’amanii akka baraaramu ibsanii turan.

‎Haa ta’u malee, Tiraamp gamanumaa dursanii akeekkachiisotni marii duraa dabarsaa jiran, yaaddoo uumuu eegalaniiru.

‎Yuukireen gonkumaa miseensa Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaa (NATO) hin taatu jedhan.

Bulchiinsota ishee tokko tokko Raashiyaaf dabarsitee kennuun waraanni dhaabbata, nagaanis yoos Yuukireenitti bu’a akka jedhan Sabaa himaaleen garaa garaa gabaasaniiru.

‎Yuukireen waraana dhaabuuf yoo fedhes itti fufuu dandeessi jechuunillee dubbataniiru.

‎Gama biraan, yeroo Zeleniskiifi gaggeessitootni Awurooppaa Yuukireen deggeran, Tiraamp faana mari’achuuf gara Waashington DC’tti imalaa jiran kanatti, haleellaa diroonota Raashiyaan Yuukireen keessatti namootni 10 akka ajjeefaman Pireezidaantiin biyyattii beeksisuu isaanii BBC’n gabaaseera.

‎Aggaammii Raashiyaan taasistu kun fedhii waraana itti fufuu ishee akka agarsiisu Zeleniskiin ibsaniiru.

‎Lammiileen Yuukireen mariin nagaa Pireezidaantiin isaanii Ameerikaa wajjin taasistu milkaa’ee waggaa sadiifi walakkaa booda qilleensi nagaa biyyattiitti deebi’a abdii jedhu akkan qabne, odeeffadheera jechuun The New York Times gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply