Taphni waancaa Liigii Awurooppaa har’a galgala sa’aa 4:00 eegaluun Bilbaawootti taphatamu kun tapha waancaa sadarkaa ardii Awuroppaa kilaboota biyya tokkoo gidduutti taphatamudha.
Kilabootni Ingilaandi lammanuu daandiin qaxxaamuraa gara shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara dhufuutti isaan geessu kana qofa waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaan eegaa jiru.
Totenhaamii fi Yuunaayitid seenaa Liigii Awurooppaan yeroo jalqabaaf kan waancaaf waliin morkatan yoo ta’u kilabni taphicha injifate kilaba tapha liigiin qabxii gadi aanaa galmeessee waancaa liigii Awurooppaa ammoo injifate ta’uun galmaa’a.
Maanchister Yuunaayitidii fi Totenhaam pirimeer liigii Ingilaandiin walduraa duubaan sadarkaa 16ffaa fi 17ffaarra kan jiran yoo ta’u morkii har’aan gareen waancaa injifate kilaba morkii liigii qabxii gadi aanaan xumuruun morkii shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara dhufuu irratti ammoo hirmaachuf milkaa’e ta’a.
Kilabootni lamman Guraandhala 2 darberraa kaasee taphoota piriimer liigii taphataniin walii isaanii fi kilaboota liigicharraa gadi bu’an qofa injifataniiru.
Muktaar Abdallaan