Traamp Pireezidaantii Kooriyaa Kaabaa waliin wal arganii akka mari’achuu barbaadan ibsan

You are currently viewing Traamp Pireezidaantii Kooriyaa Kaabaa waliin wal arganii akka mari’achuu barbaadan ibsan

AMN PLUS – Hagayya 20/2017

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin wal arganii mari’achuuf fedhii akka qaban ibsan.

Pireezidaantichi kaleessa wayita gita isaanii Kooriyaa Kibbaa, Lii Jee Miyung waliin mari’atanitti kana kan dubbatan. Marii isaanii Lii Jee Miyung waliin taasisaniin dhimma nagaa dachee Kooriyaafi gabbisa niwukilaraa Piyoongyaang irratti mari’atanii jiru.

Pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaa baatii lama dura gara aangootti dhufan kun, Pireezidaant Tiraamp Kooriyaa lamaan jidduutti nagaan akka bu’uuf gumaacha isaanii akka ba’atan gaafataniiru. Lii Jee Miyung, “Isin pirezidaantii jalqabaa nagaa addunyaa deebisuuf tattaafattaniifi ittis milkaa’aa jirtan” jechuun turtii isaanii Waayit Haawusitti taasisaniin Tiraampiin galateeffataniiru.

Biyyootni lamaan hariiroo diinagdee isaanii cimsanii itti fufuuf waliigalaniiru. Traamp, Pireezidaantii Kiim Joong Uun waliin bara 2019tti, daangaa Kooriyaa Kaabaa, fi magaalaa Haanoyiitti wal arganii haa mari’ataniyyuu malee, waliigaltee irra akka hin geenye ni yaadatama jechuun CNN gabaaseera.

Daraartuu Tarreessaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply