AMN PLUS, Guraandhala 8, 2017
Yaadamni Idaaāamuu akkuma sabdanummaa fi tokkummaa cimsuuf gahee olaana qabu Paan Afrikaanizimii cimsuufis kan tumsu taāuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Yaaāiin 38ffaan Gamtaa Afrikaa gaggeeffamaa jira.
Sirna baniinsaa yaaāicharraatti Dooktar Abiy Ahimad haasawaa taasisanii, godaannisa gitni bittaa fide of dandaāuu fi hiyyummaa injifachuun balleessuu qabna jedhan.
Kanaafis inisheetiivota qonnaa hojiirra oolchuu, nyaataan of dandaāuu fi hiyyummaa injifachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gama kanaan inisheetiivota qonnaa ammayyaaāoo fayyadamuun Afrikaarraa biyya qamadii oomishuun adda duree taāuu dandeesseedha jedhaniiru.
Dhaloota itti aanuuf buāuuraa kaaāuuf diyaaspooraa hirmaachisuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Nageenya waaraa Afrikaa fi badhaadhinaa mirkaneessuuf idaaāamuun Afrikaa badhaate Afrikaanotaaf mijattuu uumuu dandeenya jedhanii, godaannisni gita bittaas kanan fayya jedhaniiru.
Gaaffiin beenyaa Afrikaa jecharra kan darbe haqa mirkaneessuu kan gaafatu taāuu ibsuun, dhallii nama kamuu walqixa akka kabajamuu haqa mirkaneessuun murteessaadha jedhaniiru.