UK, Kanaadaa fi Awustraaliyaan Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kennan

You are currently viewing UK, Kanaadaa fi Awustraaliyaan Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kennan

AMN PLUS- Fulbaana 11/2018

Mootummoonni Kanaadaa, UK fi Awustraaliyaa mootummaa haleellaa Israa’el jala jiru Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kennan.

Murtoon biyyoota kanneeniis, furmaata biyyoota walabaa lama gidduutti barbaadamu deeggaruuf ta’uu himameera.

UKn Kanaadaafi Awustiraaliyaatti aantee Walabummaa Paalastiiniif beekamtii laachuun murtoo seena qabeessa jedhameera.

Amerikaafi Israa’el garuu beekamtiin biyyummaa Paalastiiniif kennamu kun Haamaasiif Kennaa Diiploomaasiiti jedhananii qeeqaa jiru.

Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar murtoo biyya isaanii kana yeroo labsan “Giddugala Bahaatti taatee sukkanneessaa mudataa jiruuf furmaata ta’uu mala jennee, Paalaastiiniif beekamtii kennineerra” jedhaniiru.

Mootummoonni Kaanaadaa fi Awustraaliyaas har’a Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kan kennan yoo ta’u Poorchugaalis dhiyeenya murtooshee ifoomsuufi.

Biyyoonni miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 150 beekamtii kennaniiru.

G-7 Gareen Biyyoota 7, Amerikaan hogganaman hedduun beekamtii kennuufin ammoo dudubbachiisaa jira.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply