Waancaa Koonfaransi Liigiif Cheelsiin har’a Riyaal Beetis waliin taphata.
Dursee Morkii Pirimeerliigii Keessatti taasiseen hirmaannaa waancaa Shaampiyoonsiliigii Awurooppaa bara dhufu argachuu kan mirkaneeffate cheelsiin Riyaal Beetis moo’achuun waancaa kana kan milkeessu yoo ta’e,garee Inzoo Maareeskaa irra deebiin of ijaaraa jiruuf galaa guddaa ta’a.
Gama biraan Cheelsiin waancaa kana yoo milkeesse kilaba Ingilaand waancaa waltajjii Awurooppaa sadan jechuunis Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa fi Koonfarans Liigii moo’ate ta’a.

Dorgommichi har’a galgala Poolaand Silaaskaa istaadiyeemii Rokiloowitti gaggeeffama.
Erga eegalee marsaa 4ffaa irra kan gahe morkiin waancaa Koonfarans Liigii, amma dura Roomaa,Weestihaam,Olompiyaakoos injifachuun isaanii ni yaadatama.
Misikkir Alamaayyootiin