AMN – Muddee 11/2017
Waliigalteen Ankaaraa seenaa dippilomaasii Itoophiyaa keessatti hawwii yeroo dheeraaf karra galaana irraa qabduuf milkaa’ina guddaa kan agarsiisu ta’uu isaa Insitiitiyuutii Dhimma Alaatti Daarikteer Jeneraalaa Qorannoo Dhimmoota Afrikaa kan ta’an Gizaachoo Asiraat (Dr) ibsaniiru.
Waliigalteen kun Somaaliyaa, Turkiyee, fi dhaabbileen idil-addunyaa adda addaatiin beekamtii kan argate yoo ta’u, hawwii karra galaanaa Itoophiyaan qabdu seera qabeessa ta’uu isaa kan hubachiisu akkasumas waggoota kurnan darbaniif dhimma kanarratti akka naannoottis ta’e akka addunyaatti irratti mari’achuun akka qaaniitti ilaalamaa ture kan cabseedha jedhaniiru.
Tarkaanfiin kun Ityoophiyaaf qofa osoo hin taane gaanfa Afrikaa guutuuf illee dhimma akka jijjiiramaati ilaalamu ta’uu isaa Daarikteer Jeneraalichi himaniiru.
Waliigalteen kun Itoophiyaaf gaaffii waggoota 30n darbaniif galma gahuu hin danda’u jedhamee sodaatamaa tureef furmaata akka argatu tarsiimoo boqonnaa haaraa kan uume ta’uus himan.
Dhimmi karra galaanaa argachuu kana booda mormii imaammataa ta’ee dhiyaachuu akka hin qabnee kan himan Gizaachoo (Dr.) akka biyyaatis ta’ee akka naannootti barbaachisummaan issa beekamee dursa kennamu qaba jedhan.
Jijjiiramni kun Itoophiyaan koridarii daldalaa babal’isuu fi bu’uura loojistikii ishee ammayyeessuuf barbaachisaa ta’uu kan calaqqisiisudhas jedhaniiru.
Karra galaanaa argachuun Itoophiyaa dandeettii baasii qusachuu mirkaneessuu fi walitti dhufeenya daldalaa naannoo cimsuu kan dandeessisu akka ta’e himaniiru.
Hiikni Waliigaltee kanaa Itoophiyaan gama dippilomaasiitiin rakkoo kamiyyuu karaa nagaa, marii fi walta’iinsaan furuuf kutannoo akka qabdu kan mirkaneessu ta’uu Dooktar Gizaachoon kaasanirru.
Adeemsi kun karra galaana argachuuf waldhabdee osoo hin taane marii fi wal-hubannoon akka ta’u kutannoo mootummaan qabu kan agarsiisedhas jedhaniiru.
Waliigaltichi Somaaliyaan Itiyoophiyaa irraa deeggarsa nageenyaa fi dhimma bulchiinsa itti fufiinsaan argatu qofa osoo hin taane, gama diinagdeetiins, faayidaa argachuuf jirtu akka salphaatti kan ilaalamu akka hintaanee daayireektarichi himaniiru.
Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ejjennoo isanii dhimma kana ilaalchisee beeksisanitti dhimmi kun dhimma jiraachuu biyyaa ta’us waliigalteen kun injifannoo dippilomaasii ta’ee, Itoophiyaan tasgabbii fi fayyadamummaa naannoof kutannoo akka qabdu kan agarsiisedha. Waliigalteen kun Somaaliyaafis faayidaa dinagdee fi nageenyaa argamsiisuu keesatti barbaachisumman isaa gudda ta’uu Gizaachoon (Dr.) ibsaniiru.
Itti dabaluun, Somaaliyaan bu’uuraaleen misoomaa fooyya’e, loojistikii galaanaa fooyya’ee fi faayidaa wiirtuu buufata doonii naannoo ta’uun argamu qabatamaan argachuu dandeessu keessaa isaan muraasa ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi ija idil-addunyaatiin yoo ilaalamu deeggarsa cimaa kan argate dha kan jedhan Gizaachoon (Dr.), sababiin isaas kaayyoon waliigaltichaa amsiisaa ta’uu isaa himaniiru.
Somaaliyaa keessatti shororkeessummaa ittisuuf tattaaffii taasifamu keessatti qooda guddaa kan qabdu Ameerikaan waliigaltee kana fudhachuun Ityoophiyaan walabummaa Somaaliyaa mirkaneesuun tumsa waliin qaban akka deeggartu beeksfitee jirti.
Haaluma walfakkatuun Gamtaan Awurooppaa Waliigaltee kana tarkaanfii Gaanfa Afrikaa keessatti ngaan waaraa akka jiraatu agarsiisa jechuun deegarsa ishee mul’istee jirti jedhaniiru.