Waliin mari’achuun keenya carraa egeree Afrikaaf bu’uura- Kantiibaa Adaanach Abeebee

You are currently viewing Waliin mari’achuun keenya carraa egeree Afrikaaf bu’uura- Kantiibaa Adaanach Abeebee

AMN PLUS- Qaammee 3/2017

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, keessummoota Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa irratti hirmaachuuf dhufaniif, ergaa “Baga Nagaan dhuftanii” dabarsaniiru.

Adeemsi ol ka’insa keenyaa obboloota keenya Afrikaa biroof kan ga’u, dhuga-ba’umsa addunyaatti himamuu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Keessummootni Kuma 25 ol Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa 2ffaa irratti hirmaachaa akka jiran eeruun, “Furmaata Idil-addunyaa Jijjiirama Qilleensaa Si’eessuu, Misooma Magariisaa Afrikaa Faayinaansiin Deggeruu” mata duree jedhuun yaa’ichi akka adeemsifamu ibsaniiru.

Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojjataa akka jirtu agarsiisa irratti hirmaanneen mikaneessineerra kan jedhan Kantiibaa Adaanach, harka wal qabatanii guddachuufi hojii dhaloota dhufuuf ga’u hojjachuuf Finfinneen fakkeenya ta’uu beeksisaniiru.

Keessummootaan, Finfinneen mana isiniif mijattu, balbala badhaadhinaa keessani jechuun, “Asitti argamuufi waliin mari’achuun keenya carraa egeree Afrikaaf bu’uuradha” jechuun ibsaniiru.

Jiraattotni Finfinnees keessumootni turtii isaanii xumuranii hanga deebi’anitti aadaa keessummeessuu gaarii ta’een tumsa barame akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply