AMN- Sadaasa 09/2017
Waldaaleen hojii gamtaa ciminaan yoo hojjatan dinagdee biyyaa tumsuu keessatti shoora mataa isaanii bahachuu ni danda’uu jedhe Koomishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee.
Komishinichi qooda fudhattoota waliin dhimmoota garaagaraa irratti marii gaggeesseera.
Maricharratti kan argaman Koomishinarri Komishinii Aadde Le’iltii Giday erga dabarsaniin waldaaleen hojii gamtaa biyyoota garaagaraa keessatti qooda bahataa jiru muuxannoo qooddanneerra jedhan.
Akka fakkeenyaattis sosochii waldaalee hojii gamtaa biyya Neezerlaand irraa muuxannoo qooddatamuu himan.
Waldaaleen kunneenis dameewwan hojii hundaa irratti hirmaachuun, dinagdee biyyattii fooyya’aa taasisuuf oomisha isaanii gara biyyoota birootti erguun fakkeenya ta’u akka danda’an yaadachiisan.
Muuxannoo kana gara magaalaa Finfinne fiduudhaan hojii irra oolchuu qabna jedhan.
Waldaalee hojii gamtaa akka magaalaa Finfinneettis ta’e akka biyyaatti jiran tumsuun dinagdee biyyaa akka deeggaran taasisuun barbaachisaa ta’uunis marii kana irrattin kaafameera.
Wangeel Faqqadaatu Gabaase