Waltajjiin marii ajandaa waliitti qabu Dhaabbilee Federaalaafi Waldaalee Magaalaa Finfinneetti adeemsifamauu eegaleera.
Araara, Nagaa waaraafi tokkummaa biyyaalessaa fiduu irratti xiyyeeffachuun Komishiniin Marii Biyyaalessaa waltajjiin marii ajandaa waliitti qabu dhaabbilee federaalaafi waldaalee Magaalaa Finfinneetti gaggessaa jira.
Waltajjii marii kana irratti hoggansaafi bakka bu’oonni Dhaabbilee Federaalaafi Waldaalee, Abbootiin Amantaa, Abbootiin Gadaa, Pirizeedaantoonni Naannoolee, Kantiiboonni Bulchiinsa magaalota lameeniifi Rogessonni Miidiyaa hirmaachaa jiru.
Waltajjii marii ajandaa waliitti qabu qaamoolee qooda fudhattota dhaabbilee Federaalaafi Waldaalee kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Pirofesar Masfin Ara’ayaa Itoophiyaan biyyaa guddoo haadha seenaa bal’oo ta’uu ishee eeraniruu.
Seenaa Biyya guddoo darbe keessatti dogongorota rakkooleen waliigaltee dhabuufi waliitti bu’insii akka uummamuu taasisan irratti mariifi marabbaadhan furuun araara, nagaa waaraafi waliigaltee biyyaaleessaa fidun dhimma murteessaa ta’u dubbataniru.
Waltajjiin ajandaa walitti qabu dhaabbilee Federaalaafi waldaalee kun waltajjii 14ffaa ta’u eeranii, hojii ajandaa waliitti qabu komishiniin marii biyyaalessaa Waggoota 3fi ji’oota Kudhaniif hojjachaa ture keessatti qaamolee haanga ammaatti hin hirmaannee keessumaayyuu jaarmiyaalee siyaasaa bosona jiraniifi lammilee Itoophiyaa biyyoota adda aaddaa keessa jiraachaa jiran hirmaachisuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu Pirofesar Masfin ibsaniru.
Waltajjii ajandaa walitti qabuu kanarratti dhaabbilee Federaalaa fi Waldaalee 38 fi qoodaa fudhatoota 800 hirmaacha jiru.
Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.