AMN Plus- Onkoloolessa 25/2018
Pirezidaantiin Yuukireen Vilodmiir Zeleniskiin wixinee Awurooppaa waraana dhaabu tokkollee hin argine jechuun Raashiyaa dhaabsisuuf sochiin taasifamaa jiru gahaa akka hin taane akeekaniiru.
 Pirezidaantii Ameerikaa Tiraampis ta’an anga’ootni Awurooppaa Puutiin amansiisanii gara mariitti fiduu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Mariin waraana kana dhaabsisa jedhamee abdatamee ture baatii lama dura Tiraampiifi Puutin jidduutti Alaaskaatti adeemsifamee kan tures ta’u beellamni lammaffaan qabatan garuu osoo hin milkaa’in hafe.
Mariin Hangaarii Budaapestitti pirezidaantota lamaan jidduutti adeemsifama jedhamee eegamaa jirus akkuma rarra’etti jira.
Ameerikaan irra deddeebiin meeshaa waraanaa ammayyaa akka misaa’elii furgiggifamaa Yuukireeniif kennuun gahumsa of irraa ittisuu ishee akka jabeessitu ibsaa turtus qabatamaan mul’isuurratti hin argamtu.
Ammallee torban dhufu keessa mariin anga’oota biyyoota lamaanii jidduutti haala itti diroonii Yuukireen keessatti oomishuu danda’an irratti akka mari’atan eegama.
Yuukireen dhiyeessii boba’aa ishee guuttachuuf doolara Biliyoona lama keessaa ammatti Doolara Miliyoona 750 akka eegdu Zeleniskiin kan ibsan yommuu ta’u, gargaarsi Awurooppaa irraa argame Yuuroo Miliyoona 127 tibbana akka eegamu ibsuu Anadoluun gabaaseera.
Adeemsi dhukaasa dhaabsisuun nagaa Yuukireen deebisu milkaa’aa ta’e dhabamuun biyyattii qisaasama diinagdeefi dararama lammiileef saaxiluun akkuma itti fufetti jira.
Shuumii Badhaasootiin