Xaanaanash 2 Haroo Xaanaa seenuuf qophoofte

You are currently viewing Xaanaanash 2 Haroo Xaanaa seenuuf qophoofte

‎AMN PLUS- Adoolessa 29/2017

‎Xaanaanash 2 Haroo Xaanaa seenuuf qophiin xumuramuu ibsame.

‎Bu’aa ba’ii hedduu booda bidiruun Xaanaanash Lakkoofsa 2 tajaajila geejjibaa galaanaa fi turizimii ammayyaa Haroo Xaanaa irratti kennuuf magaalaa Bahaar Daar seente, har’a ammoo haroo Xaanaa seenuuf qophii xumurtee jirti.

‎Imalashee lafarraa jaalalaa fi tokkummaa lammiilee biyyaan kan xumurte Xaanaanash 2 qarqara Haroo Xaanaa irra dhaabbattee jirti.

‎Bidiruun addaa kun Haroo Xaanaa baroota dheeraaf bakka hawwata tuurisitii, seenaa fi sagantaawwan amantaa irratti gaggeeffamaa tureef miidhagina dabalataa ta’eera.

‎Bidiruun kun sirna jalqabsiisuu adeemsifamuu Haroo Xaanaa seentee yeroo dhiyootti tajaajila akka eegaltu Korporeeshiniin Miidiyaa Amaaraa gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply