MM Abiyyi Ahimad Shaakkisootti Warshaa Oomisha Warqii YMG Gold eebbisan

AMN- Mudde 01/2017

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa ariitiin guddachaa jiran keessaa ishee tokkoo ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Dameewwan guddina saffisaa agarsiisaa jiran keessaa Indaastiiriin Oomisha Warqii tokko ta’uu kaasaniiru.

Dameen kun Invastimantii biyya keessaa fi alaaf carraa olaanaa uumuun guddina saffisaa galmeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Naannawaan oomisha Warqeen badhaadhan keessaa Shaakkisoo fi Gujiitti hojiin albuuda baasaan bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhiyeenya eebbifamuun hojii kan eegale dhaabbani Albuuda ‘YMG Gold Mining’ hawaasa naannawichaaf carraa hojii bal’aa uumuu kaasaniiru.

Warshaan kun warshaa teeknooloojii ammayyaa guuttate, eegumsa naannoof xiyyeeffannoo addaan hojjetu, warshaa kalaqaan guutame naannawaaf mijataa ta’uun isaa mirkanaa’edha jedhan.

Turtii koo Gujiin dhaabbilee oomisha Warqeen Itiyoophiyaatti adda duree ta’an keessaa tokko kan ta’e ‘Medroc Gold’ daawwadheera jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply