AMN PLUS- Sadaasa 4/2018
Hojmaata siyaasa badaa mormuu malee faayidaa biyyaalessaafi jijjiirama misooma biyyattii mormuun sirrii akka hin taane paartileen morkattootaa ibsan.
Turtii anga’ootni paartiilee morkattoota istuudiyoo AMN PLUStti taasisaniin faayidaa Biyyaalessaa mormuun ammayyummaa miti jedhan.
Jijjiirama bu’uuraalee misoomaa akka biyyaatti qabatamaan mul’ataa jiran mormuun yaada fayyaalessummaa irraa madde akka hin taane ibsaniiru.
Paartii Bilisummaafi Walqixxummaa irraa Obbo Umar Abdurrahaaman “hanqinoota jiran kaafnee mormina malee, misooma akka biyyaatti hojjetamee mul’atuu mormuun sirrii miti” jedhan.
Yeroo hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa ijaaramaa ture yaadni mormii dhiyaachaa ture kan himan Paartii EZEMA irraa kan dhufan Obbo Taarikuu Dinbaruu, “Mootummaafi siyaasni darbus misoomni guddaan akka Hidha Abbayyaafi faayidaan biyyaaleessaa hin darbu” jedhan.
Hojiilee Misoomaa faayidaa biyyaaleessaa mirkaneessan mormuun aadaafi ilaalcha siyaasaa kanaan duraa irraa madde ta’uu kan himan Obboo Taarikuun, mormiin akkanaa siyaasa fayyaa hin qabne akka ta’es kaasaniiru.
Paartii Dhaloota Haaraa irraa kan dhufan Obbo Silashii Dhaabasaa, Kanaan dura Finfinneen mana fincaanii uummataa kan hin qabne ta’uu irra darbee balfi bakka hundatti gatamuun deemsa nama dhowwaa akka ture kaasaniiru.
Yeroo ammaa garuu sun hunduu jijjiiramee lammiileen alaa dabalatee daawwannaadhaaf Finfinneetti imalaa jiru jedhan.
Mootummaan dirree siyaasaa bal’isuun waamicha nageenyaa jalqabe kana bal’isuun morkattoota hundaafuu carraa bal’isuun karaa nagaatiin akka qabsa’an haala akka mijeessu gaafataniiru.
Meeshaa waraanaatiin siyaasa bu’aa hin qabneen hawaasa nagaa shororkeessuufi dararuu irra karaa nagaatiin qabsaa’uun misooma biyyatti tarkaanfachiisuun akka barbaachisu anga’ootni paartilee morkattoota kanneenii dhaamaniiru.
Shuumii Badhaasootu Qindeesse