Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afriikaa 2ffaa Itoophiyaan keessummeessuuf jirtu irratti Finfinnee addunyaatti beeksisuuf qophiin gahaan taasifamuu isaa Komishiniin Tuurizimii Finfinnee beeksise.
Torbeen jijjiirama qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Yaa’iin jijjiirama qilleensaa Afrikaa 2ffaa fi Yaa’iin Hooggantoota Kaaribiyaanii fi Afrikaa 2ffaa Itoophiyaan keessummeessitu irratti hirmaattonni kuma 25 ol ni hirmaatu jedhamee eegama.

Komishinarri Komishinii Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa yaa’iiwwan sadaniif keessummoota argaman simachuufi keessummeessuu bira darbee turtii Finfinnee keessatti taasisan dheeressuuf qophiin gahaa akka taasifame ibsaniiru.
Komishinar Hundeen bara 2017 qofa magaalattii keessatti taateewwan idil-addunyaa 150 ol akka gaggeeffaman yaadachiisaniiru.
Fakkeenyummaa gaarii Itoophiyummaa calaqqisiisu keessummootatti agarsiisuun keessummootni yaadannoo hin dagatamne fudhatanii akka deeman ciminaan hojjechaa akka jiran himaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Abbootii Qabeenyaa Hoteelota Finfinnee Asteer Solomoon sagantaaleen idil addunyaa fi ardii magaalaa guddootti gaggeeffaman guddina damichaaf carraa guddaa akka uumu ibsaniiru.
Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa magaalaa Finfinnee keessatti ijaaraman hordofuun indastiriin hoteelaa guddachaa akka jiru itti dabaluun ibsaniiru.