Yaa’ii Jijjirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaa irratti hojiin misooma magariisaa Itoophiyaa akka modeelaatti dhiyaatera- Ministeerichaa

You are currently viewing Yaa’ii Jijjirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaa irratti hojiin misooma magariisaa Itoophiyaa akka modeelaatti dhiyaatera- Ministeerichaa

‎AMN Afaan Oromoo 09 01 2018

‎ Yaa’iin Jijjirama Qabeenya Qilleensaa Afrikaa 2ffaan qopheessummaa Itoophiyaatiin magaalaa Finfinneetti mata duree “Furmaatilee Rakkoo Jijjirama Qilleenssaa Addunyaa ariifachiisuun Misooma Magariisaa Cimaa Afrikaa Faayinaansiin Deeggaruu” jedhuun taa’amaa ture karaa milkaa’ina qabuun xumuramuu isaa Ministeerri Karooraafi Misoomaa beeksise.

‎Ministirri Ministeera Karooraafi Misoomaa Fistuum Asaffaa (Dr.) mootummaan Itoophiyaa Dhaabbilee qooda fudhattootaa biyyatti gara garaa waliin ta’uun qindoominaan qophii gahaa taasisuu isaatiin yaa’ichii karaa bu’a qabeessaa ta’een akka xumuramu taasisuu himan.

‎Rakkoo jijjirama qilleensa addunyaa raasaa jiru qolachuuf hojii misooma magariisaa irratti tarkaanfii Itoophiyaan fudhachaa jirtu Yaa’icha irratti agarsiisuun akka danda’ame ibsaniru.

‎Keessumaa waggoottan torba dabran keessatti innisheetivii ashaaraa misooma magariisaa irratti hojii biyyattiin hojjette hirmaattoota yaa’ichaan akka moodeelaatti fudhatamuu isaa himaniru.

‎Yaa’ii jijjirama qabeenya qilleensaa kana irratti aanga’ootni biyyootaa hirmaatanirraa yaadooleen furmaata rakkoo jijjirama qilleenssaa addunyaaf ta’aniis madduun ibsameera.

‎Yaa’ii jijjirama qilleenssaa Itoophiyaan qopheessite kana irratti Afrikaafi hawaasa idil addunyaa irraa hirmaattoonni kuma 25, 000 ol qooda fudhachuun isaanii ni yaadatama.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply