Yaa’iin Gumii Manneen Murtii Federaalaa 7ffaan ta’aamaa jira

You are currently viewing Yaa’iin Gumii Manneen Murtii Federaalaa 7ffaan ta’aamaa jira

AMN Plus- Bitootessa 28/ 2017

Yaa’iin Gumii Manneen Murtii Federaalaa 7ffaan Magaalaa Bishooftuutti ta’aamaa jira.

Yaa’icharratti kan argaman Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Tewodiroos Mihirat Yaa’iin Gumichaa haalota garagaraatiin addaan citaa turuufi akkaataa barbaadamuun hojjechaa kan hin turre kaasaniiru.

Bara kana garuu qoodaafi hojiirra oolmaa dhaddacha ijibbaataa irratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Yaa’ii Gumichaarrattis hojmaataafi qooda dhaddacha ijibbaataa, akkasumas fudhatama manneen murtii naannolee qaban irratti barreeffamni qorannoon deeggaramee dhihaatee irratti kan mari’atamu ta’uu sagantaa baherraa hubachuun danda’ameera.

Bulchaa Nagaraatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply