Yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee muudamoota adda addaa keennuun xumurameera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aaddee Adaanech Abeebee kaadhimamtoota dhiyeessaniin
1ffaa. Obbo Abdulqaadir Reedwaan Sadaraka Kantiibaa Itti Annaatti Itti Gaafatamaa Biiroo Faayinaasii
2ffaa. Obbo Oliyaad Siyyum Pirezidaantii Dhimmoota Iddoo Magaalaa Gadhiisisuufi Yaa’ii Ol Iyyannoo
3ffaa Obboo Mokonnon Yaa’ii Itti gaafatamaa Biiroo Bulchinsa fi Misooma lafaa ta’anii akka muudaman kan dhiyaatan yoo ta’u Manni Marichaas sagalee guutuun raggaaseera.
Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee 3ffaa, Bara hojii 4ffaa yaa’ii idilee 4ffaa guyyota lamaaf taa’ama ture murtoowwan garagaraa raggaasuun xumurameera.
Tolasaa Mabraateetu gabaase