AMN PLUS Amajjii 18/2017
“Ijoollummaa isaanii irraa eegallee guddisa daa’imman dhiirota Kolfee fi giddugala guddisa dubartoota daa’immanii Qacaneetti ijoollota guddisne keessaa torba duudhaa fi kabajaan geenyee sirna gaa’ela isaanii raawwachuuf kan nu geessise Waaqni kan galateeffame haata’u.
Baga Waaqni bu’aa bahii jireenyaa keessatti isin gargaaree guyyaa boqonnaa jireenyaa keessan eebbifamaa fi qulqullaa’aaf isin gahe. Cidha gaarii isiniif haata’u!
Bulchiinsi magaalaa keenya warra maatii hin qabneef maatii ta’aa guddisee, duudhaa fi kabajaaf akka gahan taasisuun cinaatti boqonnaa jireenya isaanii itti aanuuf carraa hojii uumuun kanneen biroof fakkeenya kan ta’u jireenya bu’a qabeessa akka qabaataniif hawwaa hojii qulqullaa’aa kanatti kanneen hirmaattan hunda isin galateeffachuun barbaada.
Irra deebiin gaa’ela gaarii!
Waaqni Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu