Yuukireen miseensa ‘NATO’ hin taatu- Tiraamp

You are currently viewing Yuukireen miseensa ‘NATO’ hin taatu- Tiraamp

‎AMN PLUS- Hagayya 12/2017

‎Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wayita gita isaanii Yuukireen Volodimir Zelesinkii simachuuf qophaa’an jiranitti Yuukireen Miseensa Waadaa Waraanaa Kaabaa Atilaantikii (NATO) hin taatu jedhan.

‎”Tiraamp, Pireezidaantiin Yuukireen yoo barbaade waraana Raashiyaa wajjin taasisu itti fufuu danda’a” jechuun waliigalteen irra gahamu, Yuukireeniin miseensummaa NATO gonfachiisu akkan taane ibsan.

‎Raashiyaan, Yuukireen keessaa Kirimiyaa bara 2014 weeraruun fudhatte illee akka deebisuu akka hin dandeenye akeekkachiisanii turan.

‎Pirezdantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii akkaataa waraana dhaabuun danda’amurratti mari’achuuf Waashigitan DC galaniiru.

‎Marii Zeleniskiin Pirezidaant Tiraamp waliin Waayit Haawusitti mari’atan kanarratti qondaalonni Awurooppaa hedduun akka argaman BBC’n gabaaseera.

‎Daraartuu Tarreessaatiin,

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply