Yuunaayitid Sheeshkoo mallatteessifate

You are currently viewing Yuunaayitid Sheeshkoo mallatteessifate

AMN PLUS Hagayya 01,2017

Maanchistar Yuunaayitid taphataa sarara fuulduraa RB Leebzig Beenjaamin Sheeshkoo mallatteessifachuuf waliigalteerra gahuun gabaafame.

Maanchistar Yuunaayitid taphaticha maallaqa Yuuroo Miiliyoona 76.5 fi maallaqa dabalataa Yuuroo Miiliyoona 8.5 mallatteessifachuuf waliigalteerra gaheera.

Taphataan ganna 22 Beenjaamin Sheeskoon waliigaltee waggaa 5 Maanchistar Yuunaayitid keessa isa tursiisu mallatteessuuf dursa waliigalteerra gahee kan ture yemmuu, gara Maanchistar imaluun qorannoo yaala fayyaa akka taasisuuf RB Leebzig irraa heyyama argachuun gabaafameera.

Dachaasaa Dhaabiitu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply