Faayidaan Itoophiyaa al-ergii midhaan dheedhiifi Zayitaan akka mirkanaa’u hojjatamaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing Faayidaan Itoophiyaa al-ergii midhaan dheedhiifi Zayitaan akka mirkanaa’u hojjatamaa jiraachuu ibsame

AMN PLUS – Sadaasa 9/2018

Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahun Gofee konfiransii midhaan dheedhii fi dibataa Ergitoota Midhaan deedhiifi dibataa

Itoophiyaafi Ministeera Daldalaafi Walitti-hidhamiinsa Naannawaatiin qophaa’erratti ergaa dabarsaniiru.

‎konfiraansichis Mata duree “Cancala sonaa cimsuun carraawwan gabaa idil-addunyaa bal’isuu” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, qooda fudhattoonni idil-addunyaa, oomishtoonni, fichisiiftonniifi ergitoonni, dhaabbileen cancala sonaa fi agro-piroosasiingii irratti hojjetan hirmaataniiru.

‎Bara bajataa 2017 sektaroota humni Itoophiyaa itti mul’ate keessaa tokko kan ta’e dame al-ergiitiin doolaara biiliyoona 8.3 argachuun keenya ni yaadatama.

Isa keessaa midhaan dheedhiifi dibataa doolaara miiliyoona 610 galchuun bunatti aanee kan eeramudha jedhaniiru.

‎Bara kanas karoora keenya caalmaan milkeessuuf qulqullina oomishaa eegsisuun cinaatti carraawwan gabaa idil-addunyaa babal’isuurratti ni hojjenna jedhaniiru.

‎Oomishtoonni fi dhaabbileen al-ergii biyya keenyaa Waliigaltee Naannawaa Daldalaa Ardii afriikaa hojjiirra oolchuu keenyaafi Miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa milkeessuutti dhiyaachuu keenya hubachuun carraawwan gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf si’oominaan akka hojjetan dhaamaniiru.

‎Dabalataanis rifoormii diinagdee goorootiin carraawwan abbootii qabeenyaa biyya alaatiif banaman beeksisuufi walta’insaan hojjechuun walta’insaan faayidaa Itoophiyaa akka mirkana’u hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply