Yuunivarsitiin Saanfoord Dr. Jinenus Fiqaaduu qorattoota maxxansi isaanii qorattoota biraan caqafamuun addunyaarratti %2 qofa ta’an keessaa tokko jechuun ifoomse.
Dr. Jiinenus Yeroo ammaa Yunivarsiitii Chaayinaa Hoong Koong keessatti barnoota dooktarummaan boodaa (Post Doctoral) barachaa kan jiru yoo ta’u waggaa walitti aanan sadiif milkii kana galmeessuu danda’eera.
Yunivarsiitii Wallaggaatti barsiisaa kan ture Jiinenus, umurii dargaggummaan gama Faarmaasiin saayintistii beekamaa, qorannoowwaniifi barruulee idil addunyaa 100 ol maxxansuun beekamtii argatedha.
Ammammoo Yunivarsiitiin Saanfoord qorattoonni barataniifi qorannoo garaa garaa taasisan, barreeffamoota qorannoo saayintistoota addunyaa sadarkaa jalqabaatti eeruudhaan, hayyoota beekaman muraasa %2 keessaa Dooktar Jiinenus isa tokko jechuun ifoomse.
Hojiiwwan maxxansa qorannoosaa damee ‘Clinical Medicine – General & Internal Medicine’ irratti bal’inaan faayidaaf ooluu ifoomeera.
Dr. Jiinenus bara 2023, 2024 fi 2025 walitti aansuun hojiin maxxansa qorannoosaa, qorannoowwan namoota biroorratti baayinaan faayidaarra ooluusaatiin qorattoota addunyaa %2 qofaa keessaa tokko kan ta’e.
Bara kana qorattoota Yuunivarsitii Hoongi Koongi milkii kanarra ga’an 6 keessaa Dooktar Jiinenus isa tokko ta’eera.
“Kun milkii waaqaati, waggaa 3f qorattoota kanneen keessaa tokko ta’uunkoo gammachuu addaa naaf laata” jedhe hayyuun Dargaggeessi kun.
Bara 2023tti qorannoo 5,445 irratti maxxansi qorannoosaa yoo caqafamu, bara 2024tti qorannoowwan 3,148 akkasumas bara 2025tti qorannoowwan 1,717 irratti hojiinsaa akka wabiitti caqafameera.
Dooktar Jiinenus Yunivarsiitii Wallaggaatti baratee achumattis barsiisummaan tajaajilaa turuun boodarras barnootaaf gara alaatti ergamee sadarkaa kanarra ga’e.
Malkaamuu Abbabaatiin Qindaa’e.