Itoophiyaan Gaaddisa Federaalizimii Sabdaneessaan walooma lammiilee daran guddisaa akka jirtu Af- Yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsan.
“Itoophiyaan biyya sabdaneessummaan ijaaramte yoo taatu heddummina qabduun tokkummaa biyyaalessaa waloomaan cimsaa jirti” jedhan Aadde Sa’aadaan.
Gama biraan, imala ijaarsa biyyaafi waliigaltee biyyaalessaa mirkaneessuuf mariin furmaata waan hundaa akka ta’e Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa dubbataniiru.
Kanaaf ammoo ilaafi ilaameen mari’achuuf qaama hundaa hirmaachiisuun murteessaa akka ta’es ibsaniiru.
Gumii Balal Marsaa 47ffaa gaggeeffama jiru kana irratti qorannoon adda addaa hayyootaan dhiyaateera.
Dirribaa Yaadataatu gabaase