Magaalaa Finfinneetti industiriiwwan oomisha sadarkaa adda addaa irratti argaman daawwachuu isaanii Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Baroota jijjiiramaatti dhaabbileen oomisha xixiqqaa fi giddu galeessaa haala mijataa uumametti fayyadamuun sadarkaa isaanii guddifachuun yeroo gabaabaa keessatti bu’a qabeessa ta’uu isaanii akka isaan gammachiise Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.
Indastiriiwwan daawwatan keessatti carraan hojiifi adeemsa oomishaa biyyaa alaa Bakka buusuuf akkasumas oomisha gabaa al-ergiif oolu oomishaa jiraachuun waan jajjabeessaa akka ta’es dubbataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees dhiyeessii iddoo hojii fi deggarsa waliigalaa indastirii buleeyyiifi haaraa ta’aniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufus Aadde Adaanech ibsaniiru.