Atileetoonni fiigicha guddaa daandirraa Magaalaa Bishooftuutti adeemsifame injifatan badhaafaman

You are currently viewing Atileetoonni fiigicha guddaa daandirraa Magaalaa Bishooftuutti adeemsifame injifatan badhaafaman

‎AMN PLUS-Sadaasa 21/2018

‎Atileetoonni fiigicha guddicha daandiirraa Kiiloo Meetira 10 har’a Magaalaa Bishooftuutti fiigame injifatan badhaafaman.

‎Atileet Biqilee Ambassaa fi Geetaanee Mollaan tokkoon isaanii Meedaaliyaa Warqeefi Birrii kuma 500 badhaafamaniiru.

‎Atileet Hawwii Fayyisaa fi Cimdeessaa Dabalaatokkoon tokkoo isaanii Meedaaliyaa Meetiifi Birrii kuma 200 fi kuma 50 badhaafamaniiru.

‎Atileet Girmaawiit G/Igzahaabeerii fi Biiniyaam Malaak Meedaaliyaa Nahaasiifi Birrii kuma 100 badhaafamaniiru.

‎Leenjiftoonni Atileetii Biqilee Ambassaa fi Atileet Geetaanee Mollaas tokkoon tokkoo isaanii Birrii kuma 100 badhaafamaniiru.

‎Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa dorgommiin kun wagga waggaan akka itti fufu ibsaniiru.

‎Assagid Kidaanamaariyaamtu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply