Guyyaa kana kabajuun Eenyummaa Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaaf beekamtii kennuudha-Aganyaw Tashaagar

You are currently viewing Guyyaa kana kabajuun Eenyummaa Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaaf beekamtii kennuudha-Aganyaw Tashaagar

‎AMN PLUS-Sadaasa 22/2018

Guyyaa Saboota, Sablammoota fi Uummattoota Itoophiyaa kabajuun eenyummaa Saboota Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaatif beekamtii kennuu akka ta’e Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aaganyaw Tashaagar ibsan.

‎Af-Yaa’iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan “Gujiin fakkeenya walooma Saboota, Sablammootaa fi Uummattoota biyya kanaati” jedhan.

‎”Sirna Federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf kutannoon hojjetaa jirras” jedhaniiru Aadde Sa’aadaan.

Guyyaan heerri mootummaa ragga’e kun ”Waliigaltee Dimokiraatawaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” mata-duree jedhuun akka Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti Kabajamaa jira.

‎Misikkir Alamaayyootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply