Biyyoota Eeshiyaa 4’tti balaa lolaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 1000 darbe

You are currently viewing Biyyoota Eeshiyaa 4’tti balaa lolaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 1000 darbe

‎AMN PLUS-Sadaasa 22/2018

‎Balaa lolaa biyyoota Eeshiyaa Kibbaa 4 keessatti mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 1000 akka darbe ibsame.

‎Indooneezhiyaatti yoo xiqqaate namootni 502, Sirilaankaatti 335 , Taayilaanditti 176 fi Maaleezhiyaatti ammoo namootni 2 sababaa balaa lolaa kanaan lubbuu dhabuu isaanii ibsameera.

‎Balaan lolaa rooba cimaafi haala qilleensaa hamaan walmake Kuni sigiga lafaa uumuun namoota lubbuu baraaranifillee rakkoo cimaa akka uume kan gabaafame.

‎Pirezidaantiin Indooneezhiyaa Piraabowoo Suubiyaantoo, mootummaan gargaarsa namoomaa bakkeewwan balaa kanaaf saaxilamanitti erguuf dursa kennee akka hojjataa jiru beeksisaniiru.

‎Helikooftarootaan gargaarsa namoomaa bakkeewwan gar-malee miidhamaniitti erguuf tattaafataa jiraachuu kan himan Pirezidaantichi, kanneen lubbuun darban malee haga ammaatti namootni hin argamin bakka gahan kan hin beekamne hedduun akka jiran ta’uu ibsaniiru.

‎Indooneezhiyaan labsii yeroo balaa labsuuf akka jirtu yoo ibsamu, gargaarsa idil addunyaas gaafataniiru.

‎Sirilaankaan hospitaalota doonii socho’aa lamaafi dooniiwwan waraanaa sadii gara bakka balaan miidhamanitti ergitus, haalli daandii darbaaf dhorkuu jiraachuu isaa ibsameera.

‎Balaliisaan helikooftaraa osoo gargaarsa atattamaan qaqqabsiisaa jiruu haala gaddisiisaa ta’een lubbuu isaa kan dhabe namoota hedduu gaddisiiseera.

‎Pirezidaantiin Sirilaankaa Anuraa Kumaaraa Disaanaayaakeen labsii hatattamaa kan labsan yoo ta’u, balaan kun yoo darbee biyya fooyyofte ijaaruuf qophii taasisuu akka qaban beeksisan.

‎Gama biraan, Taayilaand qormaata balaa lolaan itti dhufe kana jalaa bahuuf qophii gahaa gochuu dhabuun wal qabatee anga’ootni lama hojii isaanii gadi lakkisuun eerameera.

‎Biyyootni Eeshiyaa, keessumaa waggoota muraasaa as balaa lolaafi obomboleettii hamaan raafamaa akka jiran gabaafameera.

‎Filippinsitti baatii darbe keessa lubbuun namoota 242 caalu sababaa kanaan darbuun isaanii ni yaadatama.

‎Jijjiiramni qilleensaa teempireechara dabaluun obomboleettii hamaa fi balaa lolaa hammeessuun rakkoon mudachaa jiru daran wal xaxaa taasisaa akka jiru Al-Jazeeraa’n gabaaseera.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply