Ogeessota misoomaa gahoomsuun jijjiirama biyyi keenya itti jirtu milkeessuuf murteessaadha- Ejansicha

You are currently viewing Ogeessota misoomaa gahoomsuun jijjiirama biyyi keenya itti jirtu milkeessuuf murteessaadha- Ejansicha

‎AMN PLUS- Sadaasa 22/2018

‎Komishiniin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Federaalaa Ogeessota Haala Mijeessitoota Misoomaa naannolee irraa walitti baba’an Kuma 3 fi 280f Yunivarsiitota biyyatti 4 keessatti leenjii guyyoota 12’f turu eegalchiiseera.

‎Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ogeessota haala mijeessitoota Misoomaa Naannoo Oromiyaa fi Giddugaleessa Itoophiyaa irraa walitti baba’an Dhibba 9 fi 65’f leenjiin kennamaa jira.

‎Hoji Gaggeessaan Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Jamaal Kadiir oomishtummaa qonnaa guddisuu fi hirmaannaa diinagdee qonnaan bultoota biyyattii dabaluuf ogeessota itti dhiheenyaan isaan waliin hojjataa jiran haala mijeessitoota misoomaa gahoomsuun jijjiirama biyyi keenya itti jirtu milkeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Hoji raawwachiisaa Olaanaa Misooma Waldaalee Hojii gamtaa Federaalaa Obbo Dirribaa Baqqalaa gama isaaniin, ejensichi hojimaata jijjiiruu, caasaa irra deebiin sirneessuu akkasumas rood maappii qopheesuun hojiitti erga seenee waggaa lama lakkoofsisuu ibsaniiru.

‎Kaayyoo rifoormichaa kan ta’e; ogeessotaa fi waldaalee bu’uuraa fi yuuniyeenota irratti madaalli gaggeessuun cimsuu, geesisuu fi leenjisuu akkasumas seerota fooyyessuun milkaa’ina galmeessisuutti akka jiran ibsaniiru.

‎Leenjiin eegalame kunis qaama rifoormichaa ta’uu kaasuun; ogeessotta haala mijeessitoota misoomaa biyyatti keessa jiran kuma 10 oliif marsaa sadiin akka kennamu ibsaniiru.‎

‎Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply