Waajjirri Giifti-Duree Zinnaash Taayyaachoo qaama miidhamtootaaf wiilcheerii 20, manneen barnootaa lamaaf ammoo meeshaalee minii-miidiyaa, akkasumas pirojektoota ispoortii 20f meeshaalee ispoortii deeggarsaan kenneera.
Kanaan dura Waajjirri Giifti-Duree ijaarsa manneen barnootaa fi dhiyeessii galteewwan barnootaaf deeggarsa taasisuu Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Gondar obbo Chaalaachoo Daanyee yaadachiisaniiru.

Deeggarsi har’a taasifame kun qaama miidhamtoonni iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti akka socho’an kan gargaaru akkasumas mana barumsaa deemuun barnoota isaanii itti fufinsaan akka hordofaniif carraa mijataa akka uumu ibsaniiru.
Namootni deeggarsi wiilcharii isaaniif taasifame tokko tokko bakka tokko irraa gara bakka barbaadaniitti socho’uun hojjetatanii of danda’uuf akka isaan gargaaru dubbachuu isaanii TOI’n gabaaseera.