Hojiilee ijoo biyyaalessaa fi addunyaalessaa Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Baatiwwan Onkololeessaa fi Sadaasaa keessa raawwatan Waajjirri Ministira Muummee ifoomseera.
Dooktar Abiyyi Ahimad yaa’ii biyyoota garee 20 Afrikaa kibbaatti gaggeeffamerratti hirmaachuun bu’aalee dippiloomaasii olaanaa argamsiisaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa karaa kabachiseen hojiilee sagalee Afrikaa ol kaase raawwataniiru.
Kunis dhaga’amummaan ardichaa dhimmoota idil addunyaarratti guddachaa dhufuu kan mirkaneesseedha.

Dooktar Abiyyi Piroojektii misooma jallisii naannoo Amaaraa godina Goondaritti hojjetamaa jiru daawwachuun gamaaggamaniiru.
Piroojektiin Misooma Jallisii Magac lafa hektaara 870 irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, lafa hektaara kuma 17 misoomsuu danda’a.
Akkasuma Dooktar Abiyyi Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu mooraa masaraa mootummaa Faasiil haaromfamaa ture eebbisaniiru.
Moorichi haala daawwattootaaf mijatuu fi tajaajila sadarkaa gaarii ta’e kennuu danda’uun haaromeera.
Giddugala tuurizimii haaraas ta’eera.
Dabalataan Dooktar Abiyyi Ahimad Bidiruu Xaananesh 2 jedhamtu Gorgoraatti hojii eegalchiisaniiru.

Bidiruun imaltoota 180 ol imalchiisuu dandeessu tun Bashannanaa fi qabeenya uumamaa naannawaa Hara Xaanaatti argamu daawwachiisuun Ikooloojii Gorgoraa caalmaatti miidhagsiti jedhame.
Haaluma walfakkaatuun Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad turtii isaaniin Istaadiyeemii Idil Addunyaa Bahiirdaarii fi hojiilee tuurizimii caalmaatti mijataa taasisuuf hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Istaadiyeemichi akkaataa ulaagaa CAF eegeen foyyeffamaa jiraachuu ilaalaniiru.
Istaadiyeemiin kun daawwattoota kuma 52 keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u, hojiin teessoo hidhuu fi marga dhaabuu xumurameera.
Dooktar Abiyyi Ahimad baatii kana keessaa Naannoo Amaaraa bulchiinsa Godina Saba Oromoo Magaalaa Kamisees daawwataniiru.
Hojiilee misooma Koriidarii fi kanneen biroo daawwachuun gamaaggamaniiru.

Akkasumas godinichatti sagantaa Maaddii Guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru Warshaa Misooma Qonna Qindaa’aa Agiroo Eelfooraa daawwataniiru.
Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa waajjira muummee isaa bakka duraarraa jijjiiruu hordofee Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad bakkichatti argamuun sochiisaa daawwataniiru.
Turtii waggaa tokkoo keessatti jijjiirama ijaarsaa dinqisiisaafi iddoo hojii ammayyaa ta’uun hojjettootaaf haala mijataa ta’een ijaaramuu wayita daawwannaa isaanii ibsanii turan.
Dhaabbatichi waggoota shan keessatti dameewwan fayyaa, qonnaafi tajaajilaa keessatti qooda olaanaa bahachaa kan jiru yoo ta’u Kilaawud Kompiyuutiingi, kuusaa odeeffannoo gurguddaa, barbaacha odeeffannoo, roobootiksiifi immarsiiv teeknooloojiin dandeettii isaa guddisaa jiraachuus ibsaniiru.

Giddugalli Istaartaappii hubannoo namtolchee dhiyeenya kana jalqabe lammiileen yaada qaban fidanii dhufuun pirootootaayippii uumuuf, baay’isuufi abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliin walitti akka dhufaniif carraa kan uumu ta’uufi hanga ammaattis namoonni yaada kalaqaa qaban 200 carraa kanatti fayyadamuu eeraniiru.
Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 50ffaa gaggeesseen tarsiimoo dijiitaal Itiyoophiyaa 2030 irratti erga mari’ateen booda guyyaa mana marichaan ragga’erraa eegalee hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun kan murteesse baatiidhuma kana keessa ture.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii hoggantootaa miseensota garee 20 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irrattis hojiilee dippiloomaasii gamlameefi gamhedduu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa cimsan mirkaneessaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad jala bultii yaa’ichaatti Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin mari’ataniiru.
Haaluma walfakkaatuun yaa’ichaan cinaatti Daayrektara Olaantuu IMF Kiristaaliinaa Ji’oorjiyeevaa waliin haala diinagdee idil-addunyaa, riifoormii diinagdee Itiyoophiyaafi guddina waaraafi hammataa ta’e deeggaruufi tumsa qaban cimsuuf carraalee jiran irratti mari’ataniiru.
Pirezidaantii haaraa Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Uldi waliin Afrikaatti guddinni hammataa ta’e akka jiraatuuf gahee isaa bahachuu haala danda’urrattis mari’ataniiru.
Dabalataanis Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad yaa’ichaan cinaatti hoggantoota biyyoota hedduu waliin tumsa gamlameefi tarsiimawaa irratti kan mari’atan yoo ta’u Dhaaltuu Gonfoo Abuu Daabii, Pirezidaantota Turkii, Fiinlaandi fi Faransaay akkasumas Chaansilara Jarman, Ministira Muummee Hindiifi hoggantoota Veeyitinaam, Kooriyaa Kibbaafi Awustaraaliyaa waliin mari’atanii turan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Ingiliz, Pirezidaantii Biraazil, Ministira Muummee Neezerlaandi, Ministira Muummee Xaaliyaaniifi Pirezidaantii Itti aanaa Indooneezhiyaa waliinis mari’achuun ni yaadatama.

Mariin isaanis eegumsa qabeenya qilleensaa, qonna ammayyeessuufi dhimmoota diinagdeefi bu’uuraalee misoomaa waaraa kan hammate ture.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ichaan cinaatti Barreessaa Olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutaarez waliin hariiroo dam-hedduu haala cimsuun danda’amuufi eegumsa qabeenya qilleensaa, nageenyaafi tasgabbii, misooma waaraa irratti haala xiyyeeffannoo idil addunyaa cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan biyya COP 32 qopheessitu waan ta’eef deeggarsa taasifamuufii qaburrattis mari’atanii turan.
Kana malees hariiroo Itiyoo-Awurooppaa jabeessuuf Pirezidaantii Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa waliin dameewwan garaagaraan tumsa qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii CAF Dooktar Paatiriis Mootisiippii fi Pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajeey Baangaa waliin marii bu’aa qabeessa taaasisaniiru.

Baatii Sadaasaa kana keessa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Sarii Anwaar Biin Ibraahiim fi Ministira Muummee Siingaappoor Laawuransi Woongi Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti simatanii turan.
Daawwannaan hoggantoota lameenii sirna dhaabbii biqiltuu, daawwannaa godambaa masaraa mootummaa biyyaalessaafi marii gamlamee kan hammate ture.
Itiyoophiyaafi Siingaappoor leenjii ogummaafi daldala kaarboonii irratti waliigalteewwan mallatteessaniiru.
Bifuma walfakkaatuun Itiyoophiyaafi Maaleezhiyaan dameewwan tuurizimii, fayyaa, tajaajila geejjiba qilleensarraa fi tumsa magaalotaa irratti waliigaltee waliif mallatteesaniiru.
Daawwannaan kun tumsa Kibba Bahaa Eeshiyaa waliin yeroodha gara yerootti guddachaa dhufe kan agarsiisudha.
Itiyoophiyaan Yaa’ii qabeenya Qilleensaa 32ffaa mootummoota gamtoomanii akka qopheessitu filatamuu ilaalchisee:-

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos bakka bu’aa Pireezidaantii yaa’ichaa ta’uun moggaafamuu hordofee bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti hojiilee ijoo hojjetamuu qabanirratti Koreen Qindeessituu Biyyaalessaa walga’ii taa’eera.
Waltajjichi mootummaan yaa’ii sadarkaa isaa eege qopheessuuf murannoo qabaachuu agarsiiftuudha jedhame.
Waliigalaan Dooktar Abiyyi Ahimad Baatiwwan Onkololeessaa fi Sadaasaa keessa daawwannaan hojii misoomaa taasisuu fi hojiilee dippiloomaasii biyyattii caalmaatti guddisanii fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisaan hojjetaniiru.
#COP 32