Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Umurii 17 gadii waggaa 22 booda Waancaa Afrikaa CECAFA’f darbeera.
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa har’a Keeniyaa injifachuun Waancaa Afrikaa CECAFA’f darbuu mirkaneeffateera.
Itoophiyaan galchii 3 fi 0’n keeniyaa injifachuun imala gara Moorokoo mirkaneeffatteetti.
Tapha walakkaa xumuraan Ugaandaan injifatamuun dhiibbaa keessa kan ture gareen kun har’a ga’umsa olaanaa waliin injifateera.
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa waggaa 22 booda seenaa hojjachuu isaatu himame.
Daawiit Kaasaan taphoota shanirratti galchii 8 lakkoofsisuun Itoophiyaan akka dabartuuf gumaacha guddaa ba’achuun isaa ibsameera.
Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Itiyoophiyaan tapha waancaa Afrikaa bara 2026 qopheessummaa Moorokoon adeemsifamu irratti biyyoota Bahaa fi Giddu Galeessa Afrikaa bakka bu’u.
Itoophiyaan waggoota 22 booda Waancaa Afrikaa CECAFA’f kan dabarte yerroo jalqabaafi.
Shawaangizaaw Girmaatiin