Yaa’iin Waldaalee Konfedereeshinii Hojjettoota Idil Addunyaa 37ffaan akka Afrikaatti yeroo jalqabaaf Magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa akka jiru ibsame.
Faayidaafi mirga hojjettootaa Itoophiyaa mirkaneessuuf mootummaan Waldaa Konfedereeshinii Hojjettootaa waliin cimsee hojjechaa akka jiru Pirezidaantiin Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsaniiru.
Nageenyaafi guddina dam-daneessa Itoophiyaatti galmaa’aa jiruufis ga’een hojjettootaa ol’aanaa akka ta’e Obbo Adam dubbataniiru.
Walitti dhufeenya hojjetaafi hojjechiisaa bu’aa qabeessumman cimsuuf hojjetamaa akka jiru Pirezidaantiin Waldaa Konfedereeshiinii Hojjettoota Itoophiyaa Obbo kaasaahun Foolloo ibsaniiru.
Hojjechiisaan iddoo hojii mijataa uumuufi Kaffaltii madaalu akka kaffalu akkasumas hojjettoonnis dandeettii oomishittumaa isaanii akka guddisanif hojjetamaa akka jiru Obbo Kaasaahun himaniiru.
Barreessaa olaanaan Waldaalee konfedereeshinii Addunyaa Luuk Triyaangil gamasaaniin, guddina Itoophiyaan galmeessaa jirtu dinqisiifachuun, “hojjettootaa dabalatee rakkoolee idil addunyaa hedduu furuuf Itoophiyaan biyya dandeettii qabduudha” jedhan.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase