Imaammatni Raashiyaa imala viizaa malee lammiilee Chaayinaaf heyyamu hojiirra oole

You are currently viewing Imaammatni Raashiyaa imala viizaa malee lammiilee Chaayinaaf heyyamu hojiirra oole

‎AMN PLUS-Sadaasa 23/2018

‎Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, lammiileen Chaayinaa viizaa malee biyya isaanii akka seenaniif imaammata heyyamu kaleessa mallatteessaniiru.

‎Lammiileen Chaayinaa daawwannaaf gara Raashiyaa dhaqan guyyoota 30’f viizaa malee turuu akka danda’an ibsameera.

‎Akkaataa imaammata Puutin mallatteessan kanaatti haga Fulbaana Bara 2026tti lammiileen Chaayinaa Paaspoortii qaban Raashiyaa seenuu, maatii isaanii bira turuu, taateewwan siyaas-diinagdee, aadaafi hawaasumaa, ispoortii, saayinsaawaa irratti hirmaachuufi daawwachuuf mirga guyyoota 30 akka qabaatan eerameera.

‎Akkaataa imaammatichaatti lammiileen Chaayinaa hojiif Mooskoo dhaqan hin hammataman. Haaluma kanaan barattootni, qorattootni, konkolaachiftootniifi hojii geejjiba

‎kamiyyuu wajjin wal qabatan, mirga kanatti akka hin fayyadamne ‘Xinhua’n gabaaseera.

‎Waqtii bonaa daawwattoota Chaayinaa %30 hamma %40 ta’an daawwannaaf Raashiyaatti akka imalan kan ibsan Pirezidaantiin Waldaa Tuurizimii Raashiyaa Aleksaandar Muusiikin kunis guddina damee tuurizimii biyya isaaniif gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

‎Qondaalli Ministeera Misooma Diinagdee Raashiyaa Niikiitaa Kondiraatiyeev gamasaaniin, lakkoofsi tuuristoota Chaayinaa dachaan dabaluu eeruun, haga jalqaba bara faranjootaa 2026tti tuuristootni Chaayinaa Miliyoona 2 ol akka biyya isaanii daawwatan ibsaniiru.

‎Chaayinaanis lammiileen Raashiyaa paaspoortii qaban viizaa malee akka daawwatan yoo heyyamtu, kunis baatii Amajjii dhufaa jiru irraa eegalee yaaliif hojiirra akka oolu ibsameera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply