Badhaasa kalaqxoota Tiiktookii baranaa damee ‘Best Artist/ Painter/Poet’ irratti kan injifate Ogeessi Fiilmiifi Tiyaatiraa Haftee Baqqalaa waltajjii irra ba’ee ”Afaan Oromootiin hojjetanii akka biyyaatti injifachuun ni danda’ama” jedhe.
Hafteen AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen “Addunyaa kana irra waanti akka beekamuu salphaan hin jiru” jechuun dubbate.
Garuu akkaataa itti beekamantu murteessaadha kan jedhe Tiiktooker Hafteen, namni waan badaa raawwate ni beekama garuu beekamuuf ariifachuu caalaa beekumsaan hawaasa maalan fayyada isa jedhu irratti xiyyeeffachuutu murteessaadha jechuun dubbateera.
Haftee Baqqalaa gama miidiyaa hawaasummaan walaloo gaggabaaboo dhiyeessuun kan beekamuu yoo ta’u ogummaan isaa jalqabaa Fiilmiif Tiyaatira, barreessaa kitaabaafi Tiyaatiroota 2 Waldaa Barreessitoota Oromiyaaf gumaachee akka jiru kaaseera.
‘Ethiopia TikTok Creative Award 2025’ damee ‘Best Artist/ Painter/Poet irratti Kadhiimamuu isaa guyyaa 4 booda akka arge kan dubbatu Tiiktooker Hafteen kaadhimamtoota ogeessota ogummaa adda addaa qaban keessaa Afaan Oromootiin kaadhimamaa tokkicha akka ta’e kaaseera.
Madaalliin dorgomichaas dhibbantaa 70 uummatni kan filatuufi dhibbantaa 30 ammoo abbootii ogummaa sanaan ta’uu hime.

Ulaagaan dorgomichaas namoota kennaa qaban fayyadamanii waantota gaarii gara miidiyaa hawaasaatti fidaniifi dandeettii isaanii uummata qaqqabsiisaa ergaa biyyaaf faayidaa qaban irratti hojjetan kan bu’uura godhate ta’uu himeera.
Miidiyaan hawaasaa waan gaariidhas waan badaadhas kan jedhe Hafteen “Miidiyaan hawaasaa waantota biyya ijaaraniifi namummaa irratti xiyyeeffataniin fayyadamuu qabna” jedhe.
Dhaloonni bara Dijitaalaa kanatti Miidiyaa hawaasaa waan gaariif itti fayyadamnaan bu’aan inni buusuu guddaa ta’uufi ofiifis fayyadamuun biyyaafis bu’aa buusuun akka danda’amu himeera.
Biyyi keenya adeemsa gaarii yeroo ammaa jajjabeeffamuu qabu Artifishaal Intalijesii qarooma Addunyaan itti jirtu waantota aadaafi duudhaa keenya guddisaniin nutis fudhannee itti fayyadamuuf hojjetamaa jiru garii ta’uu himeera.
Duudhaa fi Afoola Orom-durii fayyadamnee akka dhaloota kanaaf galutti sadarkaa qarooma Addunyaan irra jirtutti geessinee hojjechuu qabna jechuun dubbateera.
Akkasumas ijoolleen Afaan Oromootiin hojjettan, Afaanii tokko Afaan kaan irraa kan ittiin xiqaatu akka hin qabne beekuun akkataafu yaadota gaariif itti fayyadamuun
Aartiin sabichaa dadhabaa akka hin taane beekanii, hamileedhaan milkaa’uuf akka hojjechuu qaban himeera.
Daraartuu Tarreessaatu Gabaas