Finfinneetti sagantaan aduu tokkoon carraa hojii Kuma 30 uumuu adeemsifamaa jira

You are currently viewing Finfinneetti sagantaan aduu tokkoon carraa hojii Kuma 30 uumuu adeemsifamaa jira

AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

Biiroon Carraa Hojii fi Ogummaa Finfinnee sosochii aduu tokkoon dargaggoota kuma 30f carraa hojii dhaabbiin uumuu adeemsisaa jira.

Saganticha irratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni hojii Magaalaa Finfinnee biroo argamaniiru.

Sosochii Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamaa jiruun dameelee Maanufaakcharingii, Ijaarsaa, Qonna Magaalaa, Daldalafi damee tajaajilaarratti, dargaggoota Kuma 30f carraan hojii akka uumamu odeeffannoon Biiroo Carraa Hojii fi Ogummaa Finfinneerraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply