Hariiroon dippiloomaasii Chaayinaa fi Itoophiyaa gara tumsa Tarsiimawaatti guddateera- Kom/Jeneraalaa Dammalaash Gabramikaa’el

You are currently viewing Hariiroon dippiloomaasii Chaayinaa fi Itoophiyaa gara tumsa Tarsiimawaatti guddateera- Kom/Jeneraalaa Dammalaash Gabramikaa’el

AMN PLUS-Sadaasa 24/2018

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel Ministeera Alaa Chaayinaatti Daayirektara Olaanaa Tumsa Nageenya Idil Addunyaa Ambaasaaddar Waangi Liisii waliin mari’ataniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash dhimmoota shororkeessummaa fi nageenya naannawaa irratti Ambaasaaddar Waangi Liisiin mari’achuu ibsaniiru.

Hariiroon dippiloomaasii Chaayinaa fi Itiyoophiyaa gara tumsa Tarsiimawaa hunda galeessaatti guddachuu Komishinar Jeneraal Dammallaash kaasaniiru.

‎Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa waggaa 96ffaa Dhaabbata Poolisii Idil Addunyaa Interpoolii ALA’tti Bara 2028 qopheessummaa Itoophiyaan gaggeeffamu milkeessuuf tumsaan kan hojjetan akka ta’e mari’achuu Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an haala waliin ittisuun danda’amu irrattis mari’achuu eeraniiru.

‎Dhaabbileen nageenyaa biyyoota lamaanii barnoota leenjii, ijaarsa humna namaa, ce’umsa teeknooloojii, deeggarsa meeshaalee fi muuxannoo waliif qooduun tumsa qaban cimsanii akka itti fufan Ambaasaaddar Waangi Liisiin ibsaniiru.

Chaayinaan shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’anii raawwataman ittisuuf dhaabbilee nageenyaa Itoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii ibsa Poolisiin Federaalaa AMN’f ergerraa mirkaneeffachuun danda’ameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply