Sirni gaggeessaa San Hongimiiniif qophaa’e

You are currently viewing Sirni gaggeessaa San Hongimiiniif qophaa’e

AMN PLUS Sadaasa 24,2018

Tootenahaam taphataa isaanii duraanii San Hongimiiniif sirna gaggeessaa taasisuuf akka ta’e himame.

Jijjiirraa waqtii gannaan Tootenahaamiin kan gargar bahe San Hongimiin yeroo jalqabaaf gara kilabichaatti akka deebi’uu gabaafameera.

Kanuma hordofee kilabni Kaaba Landan Tootenhaan taphataa lammii Kooriyaa Kibbaa San Hongmiiniif ifatti sirna gaggeessaa akka taasisuuf beeksiseera.

Tootenahaam waliin Waancaa Liigii Awurooppaan dabalata dursaa taphattootaa ta’uun kan tajaajile San Hongimiin,turtii yeroo dheeraa booda ganna darbe Kilaba Ameerikaa Loos Anjalasitti makamee turuun isaa ni yaadatama.

Tootanahaam Torbee Dhuftu Gaafa Kibxataa, Tapha Shampiyoonsi Liigii Kilaba Islaaviyaa Piraag Waliin Taasisan Irratti San Dirreetti Argamuun Deeggartootti Nagaa Kan Dhaammatu Ta’uu Himameera.

Shoora Olaanaa Taphatichi Bahateef, Guyyicha Dandiiwwan Tootenahaam Keessatti Argaman Irratti Suurawwan taphatichaa Kan Maxxanfaman Ta’uus Kilabichi Ifoomseera.

Dachasaa Dhaabiitu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply