Humna Qilleensaa Itoophiyaarra darbee Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaraa jirra – L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

You are currently viewing Humna Qilleensaa Itoophiyaarra darbee Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaraa jirra – L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

AMN PLUS- Sadaasa 25/2018

Humna Qilleensaa ammayyaa Itoophiyaarra darbee naannawaa Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaraa jirra jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Mata duree ‘humna qilleensaa guddaa, biyya guddoof’’ jedhuun waggoota torban darbanitti hojiin riifoormii gaggeessuu hojjetamaa turuu ibsan.

Kanaanis dhabbata jabaa teeknooloojii ammayyaa hidhate ijaaruun danda’ameera jedhan Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan turtii miidiyaalee waliin taasisaniin.

Teeknooloojii loltummaa ammayyaa fi hidhannoo sadarkaasaa eeggate hidhachuun humna Itoophiyaarra darbee naannawaa Afrikaa Bahaaf ta’u ijaaruuf hojjechaa jirra jedhan.

Dhaabbatichi jalabultii guyyaa hundeeffamasaa waggaa 90ffaa kabajuuf qophiirra jiraachuu himuun, humna mallattoo bilisummaafi tokkummaa ta’ee daandii milkaa’inaarra imaluu itti fufuudha jechuun dubbatan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply