Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Araya’aa, “Rakkoowwan Itoophiyaatti lafarra harkifachaa dhufan, waaraan furuun kan danda’amu yoo gadi teenyee mari’anne qofaadha” jedhan.
Komishinichi, Naannoo Tigiraay akkasumas Paartilee siyaasaa muraasaafi qaamolee hidhatanii socho’an irraa kan hafe hanga har’aatti marii adeemsiseen qaamolee hawaasaa, diyaaspooraa fi dhaabbilee hundarraa ajandaa marii walitti qabuu dubbataniiru.
Komishinichi waldaalee sadarkaa federaalaa fi naannootti jiran garaa garaa waliin mata-duree “Hirmaannaan Waldaalee Galma Ga’iinsa Marii Biyyaalessaaf” jedhuun marii adeemisisaa jiraachuu ibseera.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase